Posts

Finfinee

Haala jireenya ummata biyya keenyaafii kan hawaasa addunyaa.
KZOF

  • Addis Ababa

Finfinneen Giddugala Dippilomaasii Afrikaa fi Fooyya’iinsa Dinagdee Itoophiyaa Finfinneen yeroo ammaa kana walga’iiwwan sadarkaa olaanaa walitti aansuun simachaa jirti. Kunis maqaa ishee akka giddugala dippilomaasii Afrikaa cimsaa jira. Walga’iiwwan Guguddoo 39ffaa Walga’ii Gamtaa Afrikaa (AU) – Nageenya bishaanii fi qulqullina irratti xiyyeeffata. Walga’ii 2ffaa Xaaliyaanii-Afrikaa – karoora Mattei jalatti invastimantii, anniisaa fi misooma irratti mari’ata. Muummichi Ministeeraa Abiyyi Ahmad qophii guutuu biyyattiin taasifame mirkaneesseera. Fooyya’iinsa Maallaqaa fi Dinagdee Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa “Gaachana Maallaqaa Afrikaa” jedhu dhiyeesseera. Kaayyoon isaa Afrikaa IMF irratti hir’isuun of danda’uu dinagdee cimsuudha. Paarkiiwwan Industirii Paarkiiwwan industirii: %50 ol ergaa alaa oomisha manufaktariingii Doolaara biliyoona 1.5 ol galii Namoota kuma 90 hojii uumeera Itoophiyaan gara sirna dinagdee of danda’uu fi invastimantii itti fufiinsa qabuutti ce’aa jirti. Xumura Finfinneen yeroo ammaa kana giddugala murtii siyaasaa fi dinagdee Afrikaa ta’aa jirti. Walga’ii AU fi fooyya’iinsa dinagdee waliin, Itoophiyaan gahee guddaa qabdi.

 Haala jireenya ummata biyya keenyaafii kan hawaasa addunyaa.

Jiruun ummata biyya keenyaa jiraachuuf namni kan yaadu.
  • Jireenya keessatti maal akka nyaatuu 
  • Maal akka dhuguma
  • Maal akka uffata
  • Eessa akka jiraatu ykn bulu mana jireenya 
  • Yoom akka fuudhuu
  • Ilmaan maaliin akka jiraachisu
  • Gibira mootummaa maal akka kaffalu
  • Walumaa galatti jireenyi ummata Ethiopia wantotaa bu.ura jireenya tahan qofaa yaaduudha.     

Haala jireenya ummata Afrikaa kan biraa.

Ummanni Afrikaa hedduun jireenya bu.uraa yaaduu bira dabree jira
  • Yaaddon Afrikaa akkamiin akka biyyoota industrial guddataniin akka dorgoman
  • Innovation argannoo haaraa argachuuf yaaluu
  • Biyya ofiif akkami akka guddisaan yaaduu
  • Biyyoota rakkatan kan biroo akkamiin akka gargaaran
  • Tasgabbii jireenya akkamiin akka argatan yaaduudha


Xumura 


Jirreenya biyyaa haa jijjiiruu 

Post a Comment