Posts

Ramadan 2026: Wantoota 10 Hojjachuu Barbaachisu – Ibaadaa, Sooma, Salaata fi Qur’aana (Afaan Oromo Guide)

Ramadan 2026, Ramadan in Afaan Oromo, Wantoota Ramadan keessa hojjetamu, Sooma Islaamaa, Salaata Taraawiih, Qur’aana qara’uu, Sadaqaa Ramadan, Du’aa .
KZOF
Ramadan 2026: Wantoota 10 Hojjachuu Barbaachisu – Ibaadaa, Sooma, Salaata fi Qur’aana (Afaan Oromo Guide)
Ramadan keessaa Wantoota Hojjachuun barbaachisuu. 1. Soomana Sirriitti Eeguu Ramadana keessatti wanti jalqabaa fi guddaan sooma sirriitti eeguu dha.  Sooma jechuun nyaataa, dhugaatii, fi wantoota sooma cabsu irraa ganama irraa kaasee hanga aduu seentu of qusachuu dha.  Garuu soomni qaama qofaa osoo hin taane, afaan, ija, gurra, fi qalbii illee eeguudha. Odeeffannoo sobaa dubbachuu dhiisuu Arrabsuu fi jecha badaa irraa of qusachuu, Ilaalcha haraamaa irraa fagaachuu ykn gara dubartii isaaf alagaa tan firaa isaa hin tahin ijaa jaalalaatiin ilaaluu irraa of eeguu . Soomni sirriin qalbii qulqulleessa, obsaa fi soda Rabbii ( taqwaa ) guddisas. 2. Salaata Baay’isuu fi Taraawiih Hirmaachuu Ramadan ji’a salaataa fi ibaadaa dabaluudha. Salaata dirqamaa shanan sirnaan eeguu dabalatee, Salaata Taraawiih halkan masjiidaa ykn mana keessatti salaatuun mindaa ykn sawaaba, Ajrii guddaa qaba. Salaanni: Qalbii tasgabbeessa Cubbuu(dilii/badii) irraa Araarama namaaf argamsiisa. Jireenya namaa keessatti ifa fida Kanaaf Ram…